Gabaasa Qeerroo Waxabajjii 18,2012
Mootummaan Wayyaanee diddaa uummataa dhaamsuuf barattoota Oromoo xiyyeeffannoon mana hidhaatti guuraa turuu fi har’as itti jiraachuun beekamaa dha haala kanaan Godina Wallagga Lixaa aanaa Ayiraa Gullisoo Ganda Warra Kuraa Fichii keessatti barataa Kutaa 9ffaa kan baratu Barataa Saaqqataa Abarraa jedhamu Ati miseensa ABOti jechuun yakkuun mana hidhaa mootummaa Wayyaanee Aanaa Ayiraa keessatti argamu keessatti dararuu irratti argamu.
Ergamaan mootummaa wayyaanee naannoo kanatti Darajjee Tashoomee jedhamu dargaggoota Oromoo mana hidhaatti guursisaa kan turee fi har’as kan itti jiru yoommuu tahu gocha bilisummaa ilmaan Oromoo danqu jala dhaabbachuu dhaabuu dhiisnaan tarkaanfiin gatii isaa madaalu akka isa eeggatu Qeerroon naannoo kanaa jabeessee dhaammata.