Anaa Jaartee Keessatti FDG Itti Fufee Ummanni Hiriira Guddaa Bahe.Alaabaan ABO Magaalaa Keessa Balali’e.

Waxabajjii 15,2012 Shaambuu
Waxabajjii 13,2012 G/W/B/Aanaa Jaarteetti Uummanni baayinni isaa 2320 ta’u ganama sa’a 2:00 kaasee hanga sa’a 6:00tti hiriira nagaa bahanii akka jiran Qeerroon magaalaa sanii addeessa. Kun yeroo ta’u gaaffii Uummanni kun qabatee ka’e mirgi ilmaan Oromoo hamma yoomitti kan sarbamu jechuudhaan uummanni kun daandii kulaa soogiddaa jedhamu konkolaataan akka itti darbu dhabee cufee oolee jira. Hiriira kana bittimsuu fi ummata baadiyyaa fi magaalaa keessaa walitti birmatee hiriira kana bahe hiraarsuuf humni milishaa gandaa fi poolisoonni aanaa fi waraanni Wayyaanee rasaasa akka dhukaasaa turan beekamaa dha.
Haala kanaan Hiriira kanaan wal qabatee namoonni qabamanii ukkaamsaman kan bakka buuteen isaanii dhabamee jiru:
1. Barataa Tamasgeen Filee
2. Obbo Faantaa Irranaa
3. Barataa Kilaash Mohammaad
Kanneen jedhaman waraana wayyaaneetiin kan dhokatani yoo ta’u hiriira kana dhaabsisuuf waraana Wayyaanee humna cimaa ta’e kan gadi lakkifaman waraanni 36 kan ta’an harka uummataan reebamanii hojiin ala akka ta’an Qeerroon naannoo sanii addeessa. Sababa kanaaf namoonni hidhamanii jiran immoo:
1. Abbaa Qabeenyaa Obbo Addunyaa Mokonin;
2. Barsiisaa Derejjee Dirribaa
3. Barsiisaa Tamasgeen Dheeressaa ,
4. Obbo Fiqaaduu Namarraa – ogeessa suuraa
5. Obbo Shifarraa Indaaluu
6. Obbo Rush;
Kanneen jedhaman immoo waanti isaan qaban,qabeenyaan isaanii akka saamamee jiru ta’ee jira. Hiriira kanaan wal qabatee Qeerroon magaalaa Aliiboo keessatti Alaabaa ABO balaliisuudhaan asii fi achi deddeebi’iaa akka turan gabaasaan addeessa. Kana irratti hundaa’uudhaan waraanni federaala konkolaata hedduudhaan kan wal irraa hin cinne naannoo sana irratti guuramaa akka jiru gabaafame.

2 thoughts on “Anaa Jaartee Keessatti FDG Itti Fufee Ummanni Hiriira Guddaa Bahe.Alaabaan ABO Magaalaa Keessa Balali’e.

  1. yeroo bariiúu gahu guddaa dukkanaá jedha oromoon
    bilisummaa keenya kan mirkaneffannu halagaan utuu hin taíin hundi keenya tokkummaan wayanee kan qabnuun uf irraa facisuun sirna dha.
    ega aanaan jaaartee kana gochuun yeroon dubbisu lammii isaaniif lubbuu isaanii wareegamani
    hedduu yeroo taán
    caalamatti:
    Jal Byyana obsii (abba biyyaa)-bilisummaa lammii oromoof kan wareegame
    Ummata naannoo JAARTEE biratti kabajamaa kan ture:-Obbo TAAKKALAA SOORIII LUBAA
    Sabboona fi ugumma qonnaan lammii isaa kan tajajilaa turee fi walgahii wayaneen ogeessota qonnaa
    waamtutti takkaa harka utuu hin kenniin wayanee kan dafqa irra yaasisaa ture : obbo TOLASAA MOOSISAA
    dhiigni isaanii dhiiga saree taée hin hafu.
    IUF
    GALAAN GALASAA GOOLE

Leave a comment