Safuu fi Safeeffannaan Gurmuu Oromoo fi Dhaaba Oromoo Diiguuu Irraa of Qusachuudhaan Dhugooma

Infoo Deeskii ABO | Waxabajjii 7, 2012

Waaée safuu fi safeeffannaa Oromoo dubbachuu fi wal yaadachiisuun hammeenya hin qabu. Safuu fi safeeffannaa dhugoomsuun akka dhala Oromootti mata mataa keenya hunda irraa eegala. Afaaniin waan safuuf quuqamne fakkaachaa dalagaadhaan safuu Oromoo dhiitnee dachiitti makna yoo taheef safuu baanamu sanayyuu kan beeknu hin fakkaatu, ykn akka gaariitti osoo beeknuu beekaa lafatti rirriitnee dhidhiitna. Safuu fi seera ittiin irbuu seenan osoo beekanii irra eejjatuun ammoo hammina hammina hunda caaluu dha. Aadaan hawaasa Oromoo keessatti ‘safuu’jechuun hubatamu sirna dhaaba siyaasaa sabichaa keessattis qooda jaaraa gumaacha. Safuun ummanni Oromoo aadaadhaan qabuu fi seeraa fi heerri sirna jaarmayummaa dhaaba Oromoo wal tumsu malee wal hin faallessani. Safuu fi sirni jaarmayaa Oromoo wal utubu malee wal hin diigani. Kana irraa kaúun egaa, namas tahee murni safuuf quuqamu tokko seeraa fi heera siyaasaa dhaaba isaaf ni amanama malee hin ganu. Kan safuuf kabajaa qabu seeraa fi heera dhaaba isaa kaleessa itti kakateef san hin salphisu. Kan safuu Oromoo beeku waan kaleessa akka qabsaayaa Oromootti irbuu seene tokko hin cabsu. Kan safuu safeeffatu dhaaba kaleessa dhaaba koo ittiin jechaa bahe hará itti ejjetee hin diigu. Safuu beekuun badii fi yakkoota akkasii kana mara irraa nama oolcha waan taheef ,caalaatti dubbisuuf:- Safuu Duula Diigaa

Leave a comment