Waxabajjii 08,2012 Gabaasa Qeerroo Ayiraa
Abbaan Irree Mootummaan Wayyaanee Godina Wallaggaa Lixaa aanaa Ayiraa ganda Hoomii Fichii fi Warra Kuraa Fichii keessaa dargaggoota Oromoo waliin walitti bu’ee WBO tu dhufe jechuun humna waraanaa guuree naannicha qubachiisuu irraan kan ka’e ummanni mormii isaa caalaatti sababaa jabeessee jiruuf Waxabajjii 07 ,2012 ummata hiraarsaa oole. Kana malees dargaggoonni Oromoo aanichaa guyyaa gaafa Gimbot 20 irratti sirba ABO faarsu sirbitaniittu WBO faarsitaniittu jechuun dargaggoota Oromoo naannoo kanaa guutummaan magaalaa fi baadiyaa keessa deemuun reebaa akka ture gabaafamee ture. Haala kanaan FDG itti fufee dargaggootni dhiibbaa mootummaa Wayyaanee kanaa adda durummaan mormuun konkolaataa isaanii dura dhagaa tuuluu fi daandii waraanni Wayyaanee irra deemu mara cufuun waraanni humni dabalataa naannicha deemaa jiru karaa darbaa dhabuun of duuba deebi’ee naannoo Haroo Sabbuu jedhamu akka qubatee jiru beekame. Haalli kun hamma Waxabajjii 07,2012 itti dhagaa itti darbaa fi wal qabaa akka jiran gabaasi Qeerroo Ayira irraa nu gahe addeessa.