Waxabajjii 08,2012 Dambi Doolloo
Uummanni Qellem Wallaggaa ,Anfilloo diddaan Qeerroo fi ummata Oromoo bifa haarawwaadhaan eegalee daandiin karaa Wallaggaa gara Gameelaatti geessu anfiilloo fi Gambeela jidduu jiru guutummaatti cufamuun konkolaattonni karaa darbaa dhabanii gara duubaa deebi’aa akka jiranii fi kaan ammo achumatti danqamanii akka jiran gabaasi naannoo sanii nu gahe addeessa.
Ummanni naannoo Muggii ,Anifiilloo fi Ashii jiraatan FDG kaasuun mukkeen gurguddaa fi dhagaa gurguddaa akkasumas karaa san boollessuun konkolaataan loltuu Wayyaanee akka achiin hin dabarreefi konkolaataan kamuu gara Gambeelaatti darbuu fi kan Gambela irraa gara Wallaggaatti dhaqus akka hin sochoone godhanii jiru. Sababa kana irraa kaasee mootummaan Wayyaanee dabballoota isaa walitti qabuun guyyaa kaleessaa Waxabajjii 07,2012 qormaata irra akka oole gabaasi naannicha irraa nu dhaqabe addeessa.
Kana malees Oromoota sabboonoo ta’an shakkii dhaan ammaan dura Jaal Laggasaa Wagii waliin hojjetaa turtan waraana ABO amma illee ni gargaartu sababa jedhuun hidhuu eegalee jira. Oromoota hanga ammaatti daandii guddaa magaalaa Aniflloo Muggii fi ganda Shebel jedhu ummata kakaaftanii cufsiiftaniitti sababa jedhuun hidhaman keessaa
1.Tigiluu Ittaanaa
2.Moosisaa Bantii
3.Shaashituu Tolaa
4.Gaaromaa Hambis
Kanneen ta’an ta’uu gabaasaan Dambi Doolloo irraa nu gahe addeessa.
These should have already happened back in 1991 when the tplf came to over run Addis Ababa and in the process additionally over run all of Oromia out of which Oromos were unable to uproot for the last 20 long years due to the cummulative effects of that early occupation. Better late than never though. If it is a federal form of government why on earth Oromia needs to be the private property of a ruthless minority tyrant?