Godina Ilu Abbaa Booraa Keessatti Diddaan Barsiisotaa Daran Babaldhate

Waxabajjii 07,2012 Mattuu
Diddaan barsiisotaa babal’achuun barsiisotni Oromoo Godina Iluu abbaa Booraa aanaa Haluu mana barumsaa Saardoo sad 1ffaa fi 2ffaa keessaa barsiisan Dhaabbileen barnootaa siyaasa irraa bilisa tahuu qaba jechuun mormii jabaa kaasan.Mormii kanaan mootummaan Wayyaanee kan rifate yoommuu tahu barsiisotni miseensota OPDO tahanis nuyi Miseensummaa OPDO dhaabbiilee barnootaa keessatti hin barbaadnu jechuun Miseensummaan OPDO akka isaan irraa haqamu iyyatan. Mootummaan Wayyaanee diddaa uummataa fi Tarkaanfii qabeenya alagootaa irratti gaggeeffamuun kan baarage waraana hedduu bobbaasuun karaa hundaa irratti uummata sakatta’uu fi qorachuun rakkisuu irratti argama.
Kana malees godinuma Iluu Abbaa Booraa magaalaa Mattuu keessatti walitti bu’iinsi bulchiisa OPDO keessatti dhalateen miseensotiin OPDO namni 4 ABOf gabaasa isintu galcha jechuun qoratamanii akka jiran gabaasi nu gahe addeessa.

Leave a comment