Waxabajjii 07,2012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee
Godina Shawaa lixaa keessatti gatiin geejibaa dabalaa jiraachuu irraa kan ka’e uummatni naannoo kanaa rakkachuu irratti argama.Abbootiin qabeenyaa konkolaataa naannoo kanaa gatiin gibiraa waan nutty ulfaateef dabaluuf dirqamee jirra jedhu. Uummatni naannoo kanaas maddi rakkoo kanaa mootummaa Wayyaanee tahuu hubatee waan jiruuf sirna kana of irraa jijjiranii walaba bahuun dirqii ta’uu ifatti dubbachaa jiru.
Oduu wal qabatuun Yuunivarsiitii Amboo keessatti Miseensotni Gumii Aadaa fi Afaan Oromoo isin Miseensota ABOti jechuun qorannoon rakkachuu irratti argamu.Yuunivarsiitii Amboo keessatti Gumiin Afaan Oromoo kun akeeka ABO galmaan geessisaa jira jechuun miseensota qorannoon rakkisuu irratti argamu.
Yuunivarsiitii Arbaminc keessattis qophiin mootummaa wayyaaneen diddaa barattootaa dhaamsuuf wixinamee dallaa yuunivarsiitii keessatti gaggeeffamu diddaa barattootaan fashalee jira.