Waxabajjii 05,2012 Finfinnee
Waxabajjii 3,2012 Sabboontonnii Oromoo Godina Lixaa Shawaa fi Amboo jiran Oromoota sirna mootummaa Wayyaaneen yakkamanii mana hidhaa biyyittii keessatti dararamaa wagga dheeraa arguun bahanii erga baaniin booda bakka galanii fi gargaarsa tokko illee warra hin qabneef tumsa ta’uuf jecha wal ijaaranii jireenya isaanii hirphuu irratti argamu.
Kana malees hidhamtoota Oromoo manneen hidhaa Wayyaanee gara garaa keessatti dararama gurgudaan irra gahe gargaaruuf kan oolu gargaarsa gochaa akka jiran beekame.
Sabboontonni Oromoo bifa maadheen gurmaayanii gochaa eebbifamaa kanaan qooda Oromummaa isaanii bahaa kan jiran keessaa
1. Maadhee Shaamarraan Oromoo M.M Kaayyoo dhugaa
2. Maadhee Jaagamaa Baadhaanee lakkofsaa 1A Jalaatti hundeeffaman yoo ta’uu
Kanneen dhuunfaadhaan gumaacha gochaa jiran keessaa maqaa gadaan
1,Adaa Agaa
2, Abdii Bilisummaa,
3, Jaalataa Sabaa,
4 Obsaa Warqii ,
5, Suuraa Sabaa, fi
6, Gaalaan Biyyaa
Kanneen jedhamaan yoo ta’uu sabboontonnii kun qarshii kumaatam gargaaruun isaanii beekkame.
Qabsoon itti fufa! Gabrumaan ni kufa!