Waxabajjii 05,2012 Gabaasa Qeerroo Laaloo Ayiraa
Godina wallaggaa Lixaa aanaa Ayiraa keessatti Mootummaan Wayyaanee barsiisotaa fi barattoota mana barumsaa Laaloo Ayiraa fi Biiftuu irraa qabuun mana hidhaa keessatti dararuu irratti argamu.Barattootnii fi barsiisotni Isin miseensota ABOti, dargaggoota unu irratti ijaaraa jirtu jechuun yakkuun mana hidhaa keessatti dararamaa jiran
1.Barataa Amantii Qabbannaa Mana barumsaa Biiftuu kutaa 10ffaa irraa
2.Barataa Garramuu Girmaa Mana barumsaa Laaloo Ayiraa kutaa 12ffaa irraa
3.Barsiisaa Gammachuu Caalii Mana barumsaa laaloo Ayiraa irraa
4.Barsiisaa Iddoosaa Oljirraa Mana barumsaa Laaloo Ayiraa irraa
5. Barsiisaa Mulgeetaa Mana barumsaa laaloo Ayiraa irraa dha.
Jala deemtotni mootummaa Wayyaanee waliin walitti hidhachuun uummata Oromoo naannoo kanaa dararaa jiran keessaa
1. Tamasgeen Mirreessaa Waajjira OPDO irraa
2. Zarihuun Taakkalaa Bulchinsa aanaa
3. Karrashaa Toonee Milishaa naannoo
4. Zarihuun Oliiqaa Milishaa naannoo kanaati.
Namootni ilmaan oromoo mana hidhaa keessatti dararaa hojii qabsoo ilmaan oromootti gufuu taatan hojii kana irraa hatattamaan hin dhaabbattan taanaan tarkaanfiin gatii keessan madaalu akka isin eeggatu qeerroon naannoo kanaa jabeessee dhaamee jira.