Gibot 20 Ayyaanni Wayyaanee University Hawaasaa Keesaatti Dhagaa Roobsuun Jeeqame.Walliftoonni Abashaa Beekamoonis Qeerroon Arihaman.

Caamsaa 30,2012 Hawaasaa
Gimbot 20 jechuun ayaanni Wayyaanotaa kabajamuutti kan beekamu bara kana keessa Caamsaa 28,2012 Mooraa University Hawaasaa keessatti kabajamuuf qophiin guddaa ta’aa ture,qophii guyyaa kanaafis walliftoota Habashaa bebbeekamoo kan ta’an moorichatti fiduu irratti dabalee qophii dorgommii bareedinaa qopheefachaa turan,Walliftooti bebbeekamoon akka dabballee Wayyaanotaatti moorichatti argaman keessa Siyaat Dammisee fi Kaaleeb kan jedhaman yeroo ta’u qophiin isaanii silaa dirree bal’aa irratti ta’uuf kan qindaayee ture soda sochii qeerroo irraan kan ka’e galgala galma guddaa keessatti akka ta’u murteessan,bakka murtaaye sanitti yeroo qophicha eegalan bakkaa fi karaa eegalame kan hin beekamne dhagaan galma sanatti roobsuun jalqabame,galmichi foddaan caccabuu fi baaxiin dhagaan tumamuu irraan kan ka’e guutummaan namaa wareeree yeroo baqatu alatti konkolaataan walliftootaa fi angawootaa gubatee kaan caccabee mooraan jeequmsaan guutamee argame.Haala kanaan qophiin moorichaatti ta’uuf jedhe injifannoo warraaqtotaan fashale.
Guyyaa har’aa barattoota dhalootaan Oromoo ta’an isintu waan kana godhe sababaa jedhuun mana hidhaatti geessuu fi waajjira tikaa keessatti reebanii guraaruu irratti akka argaman gabaasi qeeroo mooricha irraa nu gahe addeessee jira.
Qabsoon itti fufa Gabrummaan ni kufa!

1 thought on “Gibot 20 Ayyaanni Wayyaanee University Hawaasaa Keesaatti Dhagaa Roobsuun Jeeqame.Walliftoonni Abashaa Beekamoonis Qeerroon Arihaman.

  1. yes u can jajjabbadha dhirroo yoo akkas hin tane habashan nurraa hin galltu . Waqqni gurracha lafa fi nama ummee siin wajjiin haa tahuu

Leave a comment