Caamsaa 30,2012 Finfinnee
Qeerroon Yuunivarsiitii Amboo,Hawaasaa,Finfinnee,Adaamaa,Arbaminc,Haramaayaa,Wallaggaa fi Finfinnee guyyaa kana uffata gaddaa fi uffata galagalchanii uffachuun kan oolan yoommuu tahu Qeerroon Godina Iluu abbaa Booraa Magaala Mattuu Ibsaa naannoo kanaa balleessuun guyyaan kun dukkana tahuu qaba jechuun ibsaa naannoo Yuunivarsiitii,Koollejjii,Tulluubbee Burruusaa fi Gandoota hedduu keessaa ibsaa balleessuun guyyaan kun dukkanaan simatamuu qaba jechuun ibsaa elektrikii naannoo kanaa balleessanii jiran.
Haaluma wal fakkaatuun Godina wallagga bahaa Aanaa Giddaa Bakka Geendoo jedhamu magaala Naqqamtee irraa Km 115 irratti argamtu irratti uummatni Oromoo dhimma nageenyaa mootummaa Wayyaanee kan tahan
1. Hamsaaluu Teessoo konkolaataa isaa waliin
2. Ibsaa Yohaannis dhimma nageenyaa naannoo kanaa
3. Tasfaayee Caanee Itti aanaa Bulchinsa aanaa Limmuu jedhamu irratti Motor cycle isaa waliin tarkaanfiin irratti fudhatamee jira.
Haaluma wal fakkaatuun Qeerroon naannoo Finfinnees Guyyaa ayyaana garboomfataa kana T-shirt Akeeka Gootawwan Keenyaa galmaan ni Geenya Ka’i Qeerroo jedhu uffachuun ayyaanni kun uummata Oromoo biratti hiika faallaa akka qabu ibsanii jiran.
Mootummaan Wayyaanees guyyaan kun ilmaan oromoo biratti fudhatama akka hin qabne beekuun waraana hedduu bobbaasuun Oromiyaa bakkeewwan garaa garaa kanneen akka Jalduu,Amboo,Shaambuutti sakatta’a gaggeessaa kan turte yoommuu tahu Waraanni mootummaa kanaas meeshaa gurguddaan uummata ija shakkiin ilaalaa oolee tiksuuf dirqamee jira.