Qondaala Tikaa olaanaa Wayyaanee Kan ta’e Irratti Tarkaanfiin Ummataan Fudhatame,Konkolaataan isaas gubate

Caamsaa 29,212 Naqamte
Camsaa 28,2012 qondaalota ol aanoo OPDO godina bahaa Wallaaggaa Onaa Giddaa Ayyaanaatti hiriiraa mormii ummaatni gaggeessaa jiruu dura dhaabbaachuuf bobbaafaman irraatti uummaanni tarkaanfii haleellaa fudhaate.
Haala kanaan nama Maqaan Hamsaaluu Teessoo jedhamuu itti aanaa Wajjira nageenyaa Godinaa Wallaagga bahaa kan ta’ee, irratti tarkanfii fudhatameen harka mirgaa madaa’ee hospitaala Neqemtee galee jira, konkolataan nama kanaa tarkaanfii fudhatameen hojiin alaa ta’ee jira. Gartuun biroo namaa kanaa waliin tarkaanfiin irratti fudhatame ammaaf maqaan isaani nu hin geenyee lamaa rukutamanii madaa’uun mirkaanaa’e.
Manneen nyaataa fi hoteelonni Giddaa Ayyaanaa fi Kiraamuu keessaatti argamaan waraanaa Wayyaanee nyaataa dhorkatan, uummannis nyaataa fi dhugaatii akka waaranaa waayyaaneetti hin gurgurree waan wal dhorkeef jecha Wayyaaneen dirquu barbaadnaan ummanni didee manneen nyaata isaa guutuutti cufee jira.

2 thoughts on “Qondaala Tikaa olaanaa Wayyaanee Kan ta’e Irratti Tarkaanfiin Ummataan Fudhatame,Konkolaataan isaas gubate

  1. fincilli didda gabrummaa ummata oromoo naaannoo adda addaa tti geggeffamaa jiru yeroo ammaa
    iddoo adda addaatti yaaddoo guddaa mootummaa halagaa yaaddessee waan jiruuf ummatni keenya guutummaa oromiyaatti harka wal qabachuun bilisummaa isaa eenyuun akka kennamu utuu hin ta’iin mataaa keenyaan mudhii keenya jabeeffannee sosocho’uu qabna.
    mootummaan wayanees burkuta’ee kufuu gahee jira.itti dabalees maqaa oromoof beekna jechuun afaan fajjessaa jirani irraas uf-eeggannoon tokkummaan uf-irraa facisuu danda’uu qabna
    ega ayyanni oromoo nuu haa gargaaru .
    nagaatti
    g3

  2. Ta’uu kan qabu tarkaanfii mayii fudhachuu ture. Maaliif yoo jenne namichi madaa’e kun kana booda akka bineensa madaa’e caalatti garajabinaan ummata miidhuuf adeemuu dandaa’a. Diina tuttuqanii biraa deebi’uu mannaa guutumaa guutuutti barbadeessu ykn tasuma tuquu dhiisuu wayya.

Leave a comment