Showaa aanaa Gindabarat Keessatti Ummanni Qe’ee Irraa Buqa’aa Jira.Barsiisonnis Hojii irraa Arihamaa jiru

Caamsaa 19,2012 Gindabarat

Mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo qe’ee irraa buqqisuu akkuma amaleeffate yeroo ammaa Godina shawaa lixaa aanaa Gindabarat bakka Gooroo Osolee jedhamu irraa uummata Oromoo dirqiin buqqisaa jira.Uummatni Oromoo naannoo kanaa qe’ee keenya irraa hin buqqaanu jechuun mootummaa Wayyaanee waliin xiiqii wal qabee diddaa isaa jabinaan itti fufee jira.Uummatni Oromoo diddaa babal’isuun gibira mootummaa wayyaanee meeshaa waraanaa itti bittu malee misoomaaf hin oolchitan jechuun kan dhorkate yoommuu tahu wal gahii yeroodhaa yerootti ololaan guutame lagatee jira.
Kana malees, garboomfataan mootummaa Wayyaanee ilmaan Oromoo deeggartoota ABOti jechuun hidhuu,ajjeesuu,hojii irraa arii’uu kan amaleeffate Godina Shawaa Lixaa aanaa Gindabarat Mana barumsaa Gindabarat keessatti barsiisota barsiisan deeggartoota ABOti jechuun hojii irraa arii’uuf akeekkachiisa dhumaa itti kennanii jiran.Barsiisotni kunis:-
1. Tolaa Bariisoo
2. Caalaa Habtaamuu jedhaman mootummaa Wayyaaneen yeroo ammaa miseensota ABO Oromoo jedhamuun halkanii fi guyyaa qoratamuu irraan darbee Hojii irraa arii’amuuf akeekkachiisni itti kennamee jira.

1 thought on “Showaa aanaa Gindabarat Keessatti Ummanni Qe’ee Irraa Buqa’aa Jira.Barsiisonnis Hojii irraa Arihamaa jiru

Leave a comment