Roorroo Abbaatu If Irraa Ittisa!! Tarkaanfiin Qabeenya Alagootaa irratti fudhatamu Ammos jabaatee itti fufe!‏


Caamsaa 18,2012 Naqamte
Tarkaanfiin Qabeenya Investeroota alagootaa irratti fudhatamu daran jabaachaa deemuun oomishni maangoo Investera Habashaa Waldee jedhamuun Godina Wallagga bahaa Onaa Digaa Saasiggaa bakkaa Ukkee Qarsaa jedhamu keessatti dhuunfatame gaafa Caamsaa 17, bara 2012 heekatarri 3.5n ibiddaan barbadaa’ee jira.Investerri habashaa kun uummatni Oromoo fi Beenishaangul Gumuz akka walitti bu’uuf mootummaa wayyaanee waliin hidhata uumuun shora guddaa taphachaa kan ture yoommuu tahu yeroo ammaa kana adda durummaan kan itti jiru tahu yeroo ammaa kanas itti jira.Mootummaan Wayyaanee tarkaanfii kana kan raawwatu ilmaan Oromooti jechuun dargaggoota Oromoo naannoo kanaa mana hidhaatti guuraa jira.

2 thoughts on “Roorroo Abbaatu If Irraa Ittisa!! Tarkaanfiin Qabeenya Alagootaa irratti fudhatamu Ammos jabaatee itti fufe!‏

  1. Woyyaanee dargaggoota hidhuuf adamsaa jirtu mala adda addaan rukutuun abdii kutachiisuun hojii itti’aanu ta’a.

  2. Qeerroo! Eyyee! Roorroo abaatuu offi irraa dhorkkaa ! Kanachaalla tahu Qabaa akka ergaa dinnaa oromia dhabamsissuuf ka’ee sanaa nutii ilaman. Oromoo hundaa takko taanne akka olaa kenyaa bilisummaa arifachisuu qabnnaa

Leave a comment