Caamsaa 16,2012 Giddaa
Gabaasi Qeerroo naannoo Giddaa fi Ebantuu irraa akka ibsutti Caamsaa 13,2012 ummata Oromoo fi saboota sulul Abbayyaa irra jiraatan jidduutti walitti bu’iinsi ture itti fufuun Oromoonni nama 4 madaayanii gara mana yaalaa seenanii jiru.
Kanneen kunis
1,Morkaa Alamuu
2,Dassaaleny Alamuu
3,Taasisaa Gammadaa
4,Garramuu Bareedaa
Kan jedhaman yeroo ta’u,mootummaan wayyaanee ummata Oromoo biyya isaa falmataa jiru dura dhaabbachuuf jecha saboota biro meeshaa waraanaa hidhachiisuu fi humna milishaa biraa dabalata kenneefii Oromoo akka lolchiisaa jiru beekama.