Caamsaa 16,2012 Finfinnee
Manni hidhaa Ma’ikalaawwii jedhamu baroota dheeraaf ilamaan Oromoo bakkatti dararaa guddaa araganii fi hidhaman akka ta’e eenyuu Oromoo irraa dhokataa miti,baroota 20 Wayyaaneen aangoo irra turetti Oromoonni kumaa kitiliin hidhaa fi dararaa ganda sanii arganii jiru,bara 2011 sochiin warraaqsa Qeerroo erga qabateen asitti barattootii fi hojjettooti Oromoo maqaa qeerroon mana hidhaa Ma’ikalaawwii seenanii dararaa kana hin jedhamne argaa jiru. Bara 2012 keessa Oromoota gaaffii mirgaa gaafattan jedhanii hidhaa Ma’ikalaawwii galchan keessaa kanneen yeroo ammaa bakka bu’an hin beekamne gariin warren armaa gadii ta’uu qeerroon gabaasa.
1.Isaayyas Geetahuun bakki dhalootaa Godina lixaa Wallaggaa Gimbii, hojjetaa mootummaa lafa hojii magaalaa Neqamtee rraa qabame.
2.Leellisaa Oliiqaa bakki dhalootaa Godinaa Bahaa Wallaaggaa magaalaa Neqamtee.
3.Phaawuloos Taasfaayee bakki dhalootaa Godina lixaa Wallaaggaa Gimbii yoo ta’uu, hojjetaa bankii Awaash damee Sabbataa kan ta’ee biyyaa Ugaandaa deemtee leenjii fudhatee dhuftee jechuun himatame.
4.Lammii Tasfaayee barataa Univesity Finfinnee dhalotaan Lixaa wallaaggaa Gimbii.
5. Dararaa Abdiisaa Godina lixa shawaa Onaa Jalduu
6. Birruu Gaalatuu Godinaa Lixaa Shawaa Onaa Adaa’aa Bargaa
Qabsoon itti fufa !! Gabroomsaan ni kufa!!
7.barataa Tolaa kan jedhamuu Univesity Wallaaggaa irraa qabame bakki dhalootaa Shawaa Bahaa, kanneen jedhamaan mooraa mana hidhaa maakkalawii sanaa kessaa jiru.