Caamsaa 14,2012 Ebantuu
Godina Wallagga Bahaa aanaa Eebantuu keessatti mootummaan Wayyaanee waraana bobbaasee uummata goolaa jiraachuun gabaafame.Walitti bu’insa Uummata sulul Abbayyaa irra jiraatani fi Oromoo gidduutti qabsiifame uummatni nagaan hiikuuf wayita jirutti mootummaan wayyaanee uummata walitti buusee humna ilmaan oromoo cicciruuf kan karoorfate saaxilamuun uummatni oromoo meeshaa qabuun waraana wayyaanee of irraa dhorkee jira.Waraanni mootummaa wayyaanee bobba’ee ilmaan Oromoo meeshaa waraanaa qabdu,ABO waliin hidhata qabdu jechuutti gadi taa’e uummatni oromoo naannoo isaa irraa Waraana mootummaa wayyaanee tokko madeessuun tajaajilaa ala gochuun arii’anii jiran.Waraanni mootummaa wayyaanee diddaa kanaan hedduu kan rifate yoommuu tahu daraggootaa fi uummata nagaa karaa nagaa deemu sakatta’aa jiru.Diddaan kun aanaa Haroo limmuu,Giddaa,Kiiramuu,Jaartee fi Amuruuttis babal’achuun uummatni oromoo waraana mootummaa wayyaanee akka diinaatti ilaalaa jira.
Yaroo ammaa kana yaroo itti hidhannoo jabbeeffannee ofeegnu ta’uu qaba. Hidhannoo hiikkachuu utuu hintaane hidhannoo dabalachuu barbaachisa. Ummanni oromoo ummata Wallaggaa Bahaa cinaa dhaabbatee daangaa isaa eeguu qaba.
Eyyee akkas malee abban fedhe iyyuu yerootti halagaan qeeé lammii oromoo sarbee cabsee qabeenya isaa saamu naannoo biroo narra hin geenye jechuun taaúu utuu hin taíin walii birmachuun hidhannoo hiikuu utuu hin taíin yerootti hidhannoo cimsachuun mootummaa wayanee fi jala deemtota isaanii irratti tarkaanfii fudhachuun amma .
kanaáchi ummatni oromoo maal eega lafti isaa fudhatame sanyii oromoo lafa irraa balleeffamaa jira.kana immoo ammas qaamni abbaan fedhe dhufee bilisummaa nuu hin gumaachuu ufii keenya tokkumma isa dhugaa horachuu qabna
isa guyyaa guyyaatti dhaaba nuu bixilu utuu hin taíin
nagaatti
GOOLE
Akkasi yoo ummani walta’ee harkaa waal qabatee dhabate dinaa isaa yeroo gababaati offirraa dhorkuu ni danda’a.