Caamsaa 14,2012 Jimma
Baraataa Girmaa Nagaasaa mooraa University Jimmaatti barataa social science department Governance waggaa tokkoffaa kanaan fulduraa badii tokkoo malee barnootaa irraa humna poolisotaa waayyaaneen qabamee, mana hidhaa maakalawwiitti dararamaa hamaa irraa erga turee, kalee isaa gubbaa rukutamee dhukkubsachaa utuu jiruu, manni murtii waayyaanee balleessaa tokkoo malee sobaan himachaa ture,dhiyeenya kana gadi lakkifamee jira, haa ta’uu malee barataan kun gara barnootaa isaatti deebi’uuf gara mooraa University Jimmaa deemuus, pollisonni mooraa universitichaa mooraa hin seentuu jechuun dorsisaan ati shororkeessaadha jchuun mooraa seensisuu dhorkaan haalaa kanaa baratoonni Oromoo mooraa keessaa jiraan gara bulchiinsa mooraa sanatti iyyaata dhiyeessanif, bulchiinsii mooraa university Jimmaas poolisaan qabamee akka mooraa seenuu godhee sana boodaa waggaa tokkoof ati barnoota irraa dhorkamteeta jechuun mooraa university akka hin seenee fi barachuus akka hin dandeenye ta’e jira. haala kanaan baratoonni Oromoo mooraa sana keessaa jiran, gara presedentii baratotaatti iyyataa dhiiyyasaniif, sochii baratotaa kanatti rifachuun mootummaan abbaa irree baratoota irraa ID isaanii fuudhaanii baratoota dorsisuutti gadi taa’an,sababa kanaan wal qabatee Gamtaan baratoota University jimmaa[Jimmaa student union] fi poolisotaa giddutti wal dhabdeen uumame, bakka bu’onni baratootas dorsifamaan jedha odeessi nu ga’ee, poolisii Abarraa Mulaatuu miseensa poolisaa mooraa university jimmaa kan ture barataa Girmaa Nagaasaa waliin hidhata qabdaa jechuun dorsifamaa jiraachuu irraa darbee waraqaa miseensummaa poolisii irraa fudhatamee jira, baratooni Oromoo mooraa Unversity jimmaa gochaa kana ni balalleffaannaa gochaa abbaa irruummaa kanaas Qabsoo keenyaan maqsina jechuun sagalee mormii dhageesisan.halumaa kanaan barataa kanaan hoggaantoonni poolisaa mooraa University Jimmaa namoonni maqaan isaanii Kaaild Abbaa Tamaam fi Malaasee jedhaman barataa kanaan sii ajjeesnaa jechuun doorsisaan jedhaa odeesi nu ga’e.