Caamsaa 12,2012 Jimma
Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti barattootni oromoo sirboota afaan amaaraa fi Tigiree yeroo dheeraaf mooraa yuunivarsiitii sana keessatti guyyaa ayyaana garaa garaa banamu irratti mormii dhageessisan.Barattootni Oromoo yuunivarsiitii Jimmaa kana keessatti hedduumminaan osoo argamnuu maaliif afaan oromoon hin banamu jechuun qophii bashannanaa Guyyaa 07/05/2012 sirboota afaan amaaraa fi Tigiriffaan mimmiidhaguuf karoorfame irratti mormii dhageessisuun qophii sana fashalsanii jiran.Yuunivarsiitiin Jimmaa aadaa fi seenaa ilmaan oromoo yeroodhaa yerootti akka dhokatu irratti hojjeta taanaan mormiin kun jabaatee akka itti fufu qeerroon yuunivarsiitii Jimmaa beeksisanii jiran.
kunis bayeessa. Qabsoo xinnaa miti.
Adda kenya in balecina.
Odeeffannoo isin nuuf ergitan haalan hordofaa jirra jabaadha. wantootni dhoksaan ilmaan oromoo irratti raawwataman baayy’een waan jiruuf nuuf hordofaa nun gahaa. Gadaa gadaa bilisummaa nuuf haa ta’u…