Uummatni Oromoo Waraana mootummaa Wayyaanee gara of irraa ittisuutti seene

Caamsaa 10,2012 Naqamte

Uummatni Oromoo waraana Mootummaa Wayyaanee Uummata sablammoota sulul Abbaayyee irra jiraatan hidhachiisee waliin qabeenyaa fi lubbuu ilmaan oromoo dhangalaasu gara of irraa ittisuutti seenee jira.Uummatni Godina Wallagga bahaa aanaa Eebantuu,Jiddaa,Haroo Limmuu fi Limmuu waraana mootummaa wayyaanee ilmaan oromoo ficcisiisaa jiru waraanaan of irraa dhorkuu jalqabe.Uummatni oromoo waadaa Kalee walii seenuun Waraana mootummaa wayyaanee waan qabaniin akka of irraa murteessuun guyyaa har’aa of irraa ittisaa oolanii jiran.Waraanni mootummaa garboomfataa wayyaanee meeshaa waraanaa hiikkadhaa jechuun uummata oromoo irraa meeshaa guuruuf karoorfatus uummatni dhorkachuun falma waraana wayyaanee waliin jalqabee jira.Waraanni mootummaa wayyaanees hedduumminaan bobba’uun uummata oromoo ficcisiisuuf murteeffatus milkii akka dhabutti of irraa dhorkaa jira.

Haala kanaan walgahiin mootummaa wayyaanee aanolee Limmuu,Haroo Limmuu,Jiddaa fi Eebantuu keessatti yaamtus lagatamee jira.

 

1 thought on “Uummatni Oromoo Waraana mootummaa Wayyaanee gara of irraa ittisuutti seene

  1. Yaroon ammaa kun yaroo itti meeshaa hiikkatan utuu hinta’iin yaroo itti dabalataan hidhachuu qabani dha. Ummanni oromoo akkuma bara durii sana ofgatee/dagatee/ taa’uu hinqabu. Kallattii hundaanuu diinni ofuu waan danda’uuf hidhannoo hindhachuu fi leenjii of’ittisuu/dhukaasaa/ xixinnoo fudhachuu qaba. Warri kaabaa namni umuriin isaa ga’e hunduu qawwee qabatee jira; leenjii waraanaas ijoollummaan leenji’u. Nuti maaliif akkana hingoonu. Haadammaqnu! Haahidhannu! Haaleenjinu!
    Meeshaa waraanaa hiikkachuu jechuun fedhii ofiitiin na’ajjeesi jedhanii diinaaf hayyamuu jechuu dha.

Leave a comment