Caamsaa 10,2012 Adaamaa
Artistootni Oromoo Wallee Hidha abbayyaa irratti akka baasan dirqaman.Mootummaan wayyaanee Artistoota oromoo walitti waamuun maqaa Misooma abbayyaaf boondii bitaa jedhuun dirqamsiisuu irraan darbee Uummatni oromoo buusii abbayyaaf dhorkachaa waan jiruuf Sirba baasuun akka kakaasan jedhamuun dirqaman.Artistootni wal gahii mootummaan wayyaanee waamte kana hedduumminaan kan lagatan yoommuu tahan kanneen marii irratti argamanis ajaja mootummaa garboomfataa wayyaanee harkaa fashalsuun wal gahii goolaba malee diiganii jiru.
Murteen artistoonni fudhatan kun oromoota ogummaa ka biraa irratti bobba’an birattis fudhatamuu qaba. Dhiibbaa mootummoota nafxanyaa ofirraa kaasuuf bakka bakka jirrutti akka nama dhuunfaattis akka gareettis tattaafachuu qabna. Gibira kafaluus diduu qabna.