Qeerroon oromoo yuunivarsiitii Amboo fi Naannoo ishee Caamsaa 07,2012 walitti dhufuun dhimma qabsoo irratti marii gaggeessan.Marii isaanii keessatti bara mootummaan wayyaanee buqqa’uuf raafame irratti jabinaan hojjechuun dirqama akka tahe kan ibsan yoommuu tahu barattoota Oromoo yuunivarsiirtii hundaa waliin wal qabachuun akka hojjetan dubbatanii jiran.Miseensotni qeerroo kun Maadhee Bosona Cillimoo Garee A,B,C,D fi E jechuun kan wal qoodan yoommuu tahu ibsa ejjennoo armaan gadii kana lafa kaa’atanii jiran
1. ABO cinaa dhaabbachuun kaayyoo fi imaammata ABO galmaan ni geenya
2. Ciramuu bosonaa,Faalama qabeenya uumamaa,saaminsa gaggeeffamaa jiru ni mormina
3. Ilmaan oromoo cufti qabsoo keessatti hirmaannaa akka godhanitti ni barsiifna,ni kakaasna
4. Waan barbaachisaan dhaaba keenyaa fi WBO cinaa ni dhaabbanna
5. Mooraa ABO jabeessuu irratti ni hojjenna
6. Barattoota,Daldaltoota,shamarran osoo hin jedhiin ni barsiisna,diddaaf ni kakaasna
7. Waadaa keenya hanga dhumaa ni tikfanna
Kan jedhan turan.Qeerroon Yuunivarsiitii Amboo fi Magaala Amboo hojii hojjetamaa ture irraa muuxannoo fudhachuun qabsoo ABO boqonnaa haaraatti tarkaanfachiisuuf akka hojjetan irbuu seenanii jiran.