Uummatni Oromoo Tarkaanfii qabeenya Investeroota irraatti godhu jabeesse!‏

Caamsaa 07,2012 Mattuu
Godina Iluu abbaa Booraa aanaa Mattuu ganda Seeddoo keessatti uummatni Oromoo investeroota habashaa irratti tarkaanfii jabeessuun qotee bultoota habashaa ganda kana keessatti qubachuun qabeenya ilmaan Oromoo saamaa lammiilee Oromoo kabajuu didan irratti Caamsaa 05,2012 tarkaanfii fudhachuun bakka sangoota horsiisan irraa qotiyyoo 22 jalaa miliqsan.Investerootni habashaa saamicha lafa ilmaan Oromoo irratti yeroodhaa yerootti godhan kana hin dhaaban taanaan tarkaanfiin hanga lubbuu akka isaanitti deemu kan dhaaman lammii Oromoo ganda kanaa investeroonni mootummaa Wayyaanee waliin walitti hidhata godhachuun gufuu bilisummaa tahanii fi qabeenya ilmaan Oromoo yeroodhaa yerootti saaman hatattamaan akka irraa of tiksan dhaamanii jiru.Tarkaanfiin kunis hanga investeroota habashaa fi jala deemtota isaanii Oromiyaa irraa gadhiisisan jabaatee kan itti fufu ta’uu gootonni ilmaan biyyaa gabaasu.

2 thoughts on “Uummatni Oromoo Tarkaanfii qabeenya Investeroota irraatti godhu jabeesse!‏

  1. Qabsoo keeysatti sangaa saamuu akka tarkaanfiiti ilaaluun waan gadi bu’aa natti fakkaata. Qabeenya diinaa qabsoo oromoof bu’aa buusan saamuu ykn barbadeessuun sirrii dha. Humna diinaa laamshessa. sangoonni kun tarii bor jaraaf deebi’u waan ta’eef miliqsuun faayidaa maal qaba?

Leave a comment