Shira mootummaan Wayyaanee bixxilteen uummatni Oromoo 30,000 ol tahan mana dhabdee tahan

Caamsaa 07,2012 Gabaasa Qeerroo Naqamte

Shira waliti bu’insa mootummaan Wayyaanee Uummata Oromoo fi Uummata Beenishaangul Gumuz gidduutti uumteen manneen ilmaan Oromoo Godina Wallagga bahaa aanaa Limmuu Galiilaa hedduumminaan gubachuun uummatni Oromoo Naannoo Harqumbee 30,000(Kuma soddomaa ol) mana dhabdee tahee jira.Uummatni Beenishaangul Gumuz waraana Mootummaa Wayyaanee waliin wal tahuun mannee uummata Oromoo gubuun alatti mana barnootaa(School) daa’immaan Oromoo itti baratan gubanii jiru, School gubatan keessaa:-
1. Caakkaa diigaa kutaa 1ffaa hanga 4ffaa
2. Caffee allaattii kutaa 1ffaa hanga 4ffaa
3. Harqumbee 2ffaa kutaa 1ffaa hanga 8ffaa daree 20 kan qabu
Guutummaan guutuun hojii dhaabuun barsiisotni manneen barnootaa kanatti naannoo biraadhaa dhufanii barsiisan gara warra isaaniii hojii dhaabuun deebi’uuf dirqamanii jiran.

 

2 thoughts on “Shira mootummaan Wayyaanee bixxilteen uummatni Oromoo 30,000 ol tahan mana dhabdee tahan

  1. Namoonni kuma 30 manni isaanii yoo gubatu qaamni viidiyoodhaan waraabee miidiyaa addunyaa irratti baasu akkamiin dhibe? Oromoon maal hojjechaa jira? Namni kuma 30 ta’u kun dhagaa qabatee illee diina baay’ee ofirraa deebisuu hindanda’u? Harki oromoo nama rukutuu hindanda’u? Harki oromoo mana diinaaf qabeenya diinaatti ibidda qabsiisuu hindanda’u? Waan akkana ormatti himachuun Kun of arrabsuu fakkaata. Yoo dubbiin kun dhugaa ta’e miidiyaa addunyaa kan akka VOA fi BBC irratti dhihaachuu qaba.

  2. yaada obsaatti waliin gala oromoon maali walii hin birmatuu halagaa of-irraa facisuun tooftaa karaa baaayye fayadamuun maaliif dhibee
    kan ega ummata oromoo hunda irraa birmatnaa barbaachisa kunis sadarkaa sadarkaan hunda irra ni gaha
    nagaatti

Leave a comment