Yuunivarsiitii Hawaasaatti mariin dabballoota Wayyaanee milkii dhabuun irraan barattoota kadhachuutti gad taa’an!.

Caamsaa 05,2012 Gabaasa Qeerroo

Sodaa Diddaa uummataa fi barattootaa deemsifamaa jiru dura dhaabbachuuf mootummaan Wayyaanee dallaa yuunivarsiitii Hawaasaa keessatti dabballoota Federaala irraa bobbaasuun,Tika naannoo fi bulchinsa magaalaa dabalachuun ijaarsa nageenyaa dhimma jedhuun marii gaggeessaa jiru.Mariin isaanii kun barattoota biratti kan hin
liqimfanne yoommuu tahu nageenya yuunivarsiitii tiksitu taanaan tajaajilli yuunivarsiitii keessatti kennamu ni baay’ata,Ni tolfama jechuun barattoota kadhachaa jiru.Kadhaan isaaniis milkii malee hafuun dabballootni mootummaa Wayyaanee fi tikni mootummaa naannoo sanaa yuunivarsiitii Hawaasaa keessatti heddummaachuun barattoota doorsisuu irratti argamu.
Qeerroon moraa Yuniversitii Hawaasaas diddaa isaanii cimsuun dabballootaa fi sirna mootummaa wayyaanee dura dhaabbachaa akka jiran gabaasi nu gahe addeessa.

 

Leave a comment