Qonnaan Bulaan Godina Shawaa Lixaa aanaa Ejeree Gibira dhorkate!‏

Caamsaa 04,2012 Ejeree
Godina Shawaa Lixaa aanaa Ejeree keessatti qonnaan bulaan oromoo gibira hin laannu jedhan.Mootummaan Wayyaanee gibira armaan dura funaane bakka dhaqate hanga baasutti Gibira hin kenninu jechuun murteeffatan. Hidhamuu barattootaa fi hiraarsa ummata irra gahu guutuutti mormuun ilmaan keenya nu jalatti hidhaa fi biyyaa arihaa,hiyyummaa nurratti cimsaa,lafa irraa nu buqisaa gibira ammo kafalaa kan jettan hin fudhannu jedhanii mootummicha mormaa akka jiran qeerroon godinichaa gabaasa. Haala kanaan kan rifate mootummaan wayyaanees dabballoota aanaa kana keessa bittinsuun maqaa Misoomaan walgahii walitti qabuun kadhaatti gad taa’us mormiin hojjettoota qonnaa fi Qotee bultoota irraa itti hammaatee jira.

2 thoughts on “Qonnaan Bulaan Godina Shawaa Lixaa aanaa Ejeree Gibira dhorkate!‏

  1. Karaan ummatni tokko mootummaa gabroofataa irratti qabsaa’u inni tokko gabbaruu/gibira kaffaluu/ diduudhaani. Diddaan qonnaan bultoota Ejereen eegalame kun gara godinaalee oromiyaa hafaniitti babal’achuu qaba.

  2. Obboleessa ko Obsa, dhuguma jette, garuu waan kana akka tooftaa qabsootti Oromoon dammaqe, kan addunyaa kana irra golee afranitti argamu osoo waa biraa dhiisnee maatii ikeenyatti, ykn firatti ykn hiriyaatti dhaamsa gibira kaffaluu diduu/lagachuu dhaamnee hojii guddaatu hojjetama. Diddaa jabaan gama Oromootiin wal-qabatee kaanaan kanumatu bifa jijjiirrataa adeemee Wayyaaneetti lafaa fi samii waliin marsiisa. Garuu bakka tokkotti kutachuun, isa qabsaa’an tokko ykn Qeerroon hojjechuu qaba jennee yaada laannu nutis warri bilisummaa hawwinu marti maatii keenya, gosa keeyna, hiriyaa keenya, nama dhiyeenyatti itti siqinu yaada isaa qabachiisuun barbaachisaadha! Yaada gibira gabroomfataaf kaffaluu lagachuu! ‘Badiin sabaa/uummataa wajjinii godaansa’ jedha mitii Oromoon!

Leave a comment