Qondaalli Wayyaanee Zalaalam Jamaanee uummataan reebame.Miidhaan guddaa irra gahe.

Caamsaa 04,2012 Gabaasa Qeerroo Naqamtee

Caamsaa 03,2012 Godina Wallagga Lixaa aanaa Qondaalaa jedhamu keessatti ergamaan Wayyaanee yeroo dheeraa filannoo biyyattii keessatti dharaan taasifamaa ture keessattis OPDO bakka bu’ee akka kaadhimamaatti dhiyaatee kan ture Zalaalam Jamaanee kan jedhamu maatii fi Tika isaa waliin konkolaataan osoo deemaa jiruu naannoo ganda kanaatti Oromoota waliin walitti bu’ee ilmaan Oromoo lama rukkutuun miliquuf osoo fiiguu uummata jalaa bahuu dandadhabee qabamee reebamee caccabee jira.
Haala kanatti mootummaan Wayyaanee hedduu rifachuun konkolaataa hedduun Asoosaa geessuun ummata waliin walitti bu’iinsa uumee namicha reebame Zalaalem Jamaanee Xiyyaaraan gara Finfinnee fidanii Hospitaala Kooriyaa keessatti du’aa fi jireenya gidduutti argama.Uummatni Oromoo yeroo ammaa diina isaa irratti tarkaanfii jabeessaa kan dhufe yoommuu tahu konkolaataa isaas tajaajilaa ala godhamee jira.

1 thought on “Qondaalli Wayyaanee Zalaalam Jamaanee uummataan reebame.Miidhaan guddaa irra gahe.

  1. Amma illee hingeenye;kana caalaa jabaatee ittifufuu qaba. Namichi kun armaan booda akka bineensa madaa’ee ti. Kan dur caalaa ummata oromoo irratti hammeenya hojjetchuu dandaa’a. Erga rukuttaan hin’oolle baddubaasuu wayya ture. Tuttuqanii dhiisuun diina ofitti hammeessuu dha.

Leave a comment