Wallagga Gimbii Keessatti Daldaltootii fi Hojii Dhabloonni ilmaan Oromoo ABO ta’uun Keenya nu boonsa Jedhan.

Caamsaa 03,2012 Gimbii
Mootummaa wayyaaneetti doorsisnii fi hidhaan furmaata diddaa dhaabuu kan itti fakkaachaa turee fi har’as itti jiru Godina Wallaggaa Lixaa magaala Gimbii keessatti dargaggootni nagaan oolanii akka hin galle dhorkaa jiran.Daldaltoota bunaas ABO waliin hidhata qabdu,Meeshaa waraanaa ABOf naannessitu jechuun qorannoon rakkisaa jiran.Dargaggootni hojii dhabdummaan magaala kana keessatti rakkachaa jiran hedduu yoommuu tahan miseensota ABOti jedhamuun yeroodhaa yerootti qoratamaa jiru. Daldaltootii fi hojii dhabloonni ilmaan Oromoos waan Wayyaaneen ittiin yakka jettee isaan himattu kanaaf nuti Oromoon ABO ta’uu keenyatti hin qaanfannu,yoo ittiin boonnee malee jedhanii ifatti bulchitoota magaalaa Gibittii dubbachuu qabaasi qeerroo addeessa.
Kanuma waliin Gibii fi magaalota naannoo san jiran kan akka Innaangoo,Gullisoo,Yuubdoo fi Najjootti diddaan daran jabaatee akka jabaatus Qeerroon magaala kanaa fi naannoo ishii gabaasee jira.

Leave a comment