Caamsaa 03,2012 Gabaasa Qeerroo Ona Limmuu
Mootummaan Wayyaanee Uummata Oromoo fixuuf akkuma karoorsee ka’e diddaan Uummataas dacha itti fufeetu jira. Caamsaa 2,2012 Aanaa Limmuu Galiilaa keessatti walitti bu’iinsi Uummataa fi Poolisoota Wayyaanee gidduutti akka ka’e qeerroon gabaasa,walitti bu’iinsi kunis Poolisoonni ergamanii dhufan kun mana Uummataa sakatta’uudhaan uummatni manneetii isaanii akka hin sakaattaasisneef qabeenya isaanii tikfachuuf jecha of irraa ittisuuf jecha walitti bu’iinsi ka’een dhimma nageenyaa kan ta’an Ittafaa Galataa fi Abdiisaa Gammadaa kan jedhaman reebanii caccabsuudhaan,poolisoota nama 4 immoo meeshaa qara qabuun madeessanii akka jiran gabaafamee jira.
Itti fufuudhaan immoo mana barumsaa Haroo Limmuu sadarkaa 1ffaa fi sadarkaa 2ffaa,akkasumas mana barumsaa Sugee sadarkaa 1ffaatti alaabaan ABO fannifamee olee jira.Itti dabaluudhaan Aanaa Ibaantuu keessatti bakka Qeelloo fi Haqaroo jedhamutti alaabaan ABO guyyaa sa’atii 7 irraa kaasee hamma galgala keessaa sa’a 2:30tti fannifamee akka oole qeerroon naannoo sanii gabaaseee jira.
Ummanni aanaa kanaa jabeetee naannoo isaa diina irraa qulqulleessuun injifannoo argamsiifataa akka jiru kanuma waliin gabaafamee jira.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!