Ebla 30,2012, Qeerroo Adaamaa
Dhiibbaan mootummaan wayyaanee barattoota Oromoo iratti gageessaa jiru ammas kan itti fufe ta’ee kan jiru yoo ta’u bakka buutotni wayyaanee mooraa yuuniversity Adaamaa keessa jiraatan barattoota Oromoo mooricha keessa jiraniin fiilmiwwan Afaan Oromoon gaggeeffamu mooricha keessatti akka hin ilaalmne godhan. Keessumaa Ebla 28/2012 f Fiilmii Afaan Oromoon qophaa’e “HINSEENE”jedhamu ilaalamuuf qophii turban lamaaf godhame guyyaan ilaalamuu kaleessa kan ture fiilmiin kun mooraa yuuniversity kana keessatti ilaalamuu hin qabu kan sabaa fi sab-lamii yoo ta;e male jechuudhaan sabni habashaa yeroo jeequmsa kaasanitti meesholeen kireeffamanii dhufan haa deeni’aniyyuu malee barattootni Oromoo mooricha keessa jiran diddaa isaanii agarsiisuudhaan fiilmiin sun akka ilaalamu ta’eetu jira, isa irraan kan ka’e amma irraa eegalee huccuun aadaa,agarsiisni garagaraa kan Oromoo ilaallatu marti mooricha keessatti akka hin raawwanne ajaja gadi dhiisanii jiru sabni Amaaraa kun,kana hunda sababeeffachuudhaan sabootni Amaaraa kun dhaadannoo garagaraa mooricha keessatti kan akka suuraa Haayila Sillaasee guddisuudhaam mooricha keessatti bakkoota adda addaatti mamaxxansaa akka jiran Qeerroon mooraa Yuuniversitii Adaamaa gabaasa.
Haalli sochii diinonni Oromoo aangoo biyyattii irratti qanitti dhimma bahuun Oromoo irratti dhiibbaa akkasii waan geessisaa jiraniif barattooti Oromoo hamma akeeki qabsoo Oromoo bakka gahee cunqursaan fakkaataa kun nurraa bu’utti qabsoo ni cimisina jedhanii dhaammatanii jiru.
Injifannoon Uummata Oromoof!