Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo
Ebla 28, 2012
Hawaasni Musliimaa Ebla 20 bara 2012 guyyaa Jimaataa kumoota dhibbootaan bahee ‘mirgi amantii keenyaa haa kabajamu’ jechuun sirna abbaa irree Wayyaanee balaaleffachaa oole. Gaaffiin hawaasa Musliimaa kun gaaffii mirga amantii ti. Mootummaan Wayyaanee seera amantii Islaamaa kan hanga haráantanaatti hawaasichi hordofu dhiituudhaan barsiisa amantichaa haaraa ál Ahbash’jedhamu kan yeroo dhihoo keessa nama Abdullaah al Habash jedhamuun naanneeffamaa jiru fudhattan malee jedhee humnaan tooftaa adda addan dirqisiisaa jira. Leelliftoota barsiisa haaraa al Ahbash’ jedhamu kanaa, kan lakkoofsaan bicuu tahan waan maraan yoo cinaa dhaabbatee jajjabeessu, hordoftoota amantii Islaamaa wayyaba kan mootummaan dhimma amantii keenyaa keessa seenuu hin qabdu jedhanii dura dhaabbatan ammoo diinomfachuudhaan doorisisaa jira.
Mootummaan abbaa irree wayyaanee akkuma sabaa fi sablammoota keessaa warra hambaan bitaman jaarratee akka meeshaatti itti dhimma bahu hunda amantiilee ummanni hordofu adda addaa keessas harka naqachuuf jecha tooftaa wal fakkaataa fayyadama. Dabballoota sirna isaa deeggaran maqaa hayyummaa amantiitiin muudee karaa isaaniin amantiilee hunduma meeshaa siyaasaa isaa taasifachuuf akka hojjechaa jiru ifaa dha. Qaamni ‘Gumii Dhimma Islaamummaa’ (Majliisul Al’aalaa) jedhamus bifuma kanaan yeroo ammaantanaa jaarmaya amantii tahuu isaa hanga irraanfatutti maxxannee sirna Wayyaanee tahuudhaan mirgoota amantichaa sharafee sharafsiisaa jira jechuun Musliimonni Itoophiyaa keessaa kulkulfatanii dubbachaa jiru. Warri Majliisul Al’aala kana geggeessu warra hordoftoota amantichaan filame osoo hin taane dabballoota Wayyaaneen muude waan taheef sagalee keenyaan kan nuuf tahu filachuu barbaanna jechaa jiru.
Oromo OLF Press Release April 28, 2012
Amharic OLF Press Release April 28, 2012-Amharic
English OLF Statement April, 2012