Ebla 27,2012, Naqamte
Mootummaan Wayyaanee Godina Wallaggaa bahaa aanaa Haroo Limmuu ganda Bariisoo Birmajjii keessatti argaman Jiraattota Oromoo lafti kun keessan miti kan mootummaa waan ta’eef abbootii qabeenyaaf gadhiisa jechuun lafa irraa buqqisaa jira.Ilmaan Oromoo lafti kun keenya,Nuyi lafa keenya irraa hin buqqaanu jedhanis dirqiin qabeenya isaanii saamamanii mana hidhaatti darbamaa jiran.Yeroo ammaa kana abbootiin maatii shan qabeenya saamamuun mana hidhaa Wayyaaneetti kan darbataman yoommuu tahan isaan keessaa
1. Obbo Olaanaa Mokonninii fi
2. Obbo Fiqaaduu Taasisaa keessatti argamu.
Uummatni Oromoos hidhamnus,ajjeefamnus lafa keenya irraa shira mootummaa Wayyaaneen hin buqqaanu jechuun diddaa daran jabeessanii jiran.Mootummaan Wayyaanees ABO uummata Oromoo naannoo kanaa meeshaa waraanaa hidhachiisee jira maqaa jedhuun manaa manatti deemuun uummata sakatta’aan dararaa jiran
Yaroo warraaqsi hammaatu kana ilmaan oromoo diina ofirraa ittisuuf:
1. Bifa adda addaatiin gurmaa’uun dirqama.
2. Hidhachuu fi leenjii of ittisuu gaggabaabduu argachuun dirqama.
3. Aarsaa kaffalamuu qabuuf of qopheessuun dirqama.
4. Shira wayyaaneetiin tokkummaan isaa akka hinlaafne dammaqinsaan eeguun dirqama.
5. Of course, Waaqayyo tokkicha kadhachuun dirqama.
waa hundaafuu tokkuumaan fala .