Jala deemaan Wayyaanee Hogganaan(Dean) Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu Dr.Yiliqaal Asfaawu jedhamu tokkummaa sabboontotaan aangoo irraa darbame!.

Ebla 27,2012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee
Ergamaan mootummaa Wayyaanee Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuutti Hoogganaa(Dean) turee fi mootummaa Wayyaanee waliin hidhata jabaa godhachuun barattoota Oromoo hiisisaa,barnoota irraa arii’aa fi barattoota dallaa sanaa dhimma amantiin walitti buusee tokkummaa isaanii cicciruuf irratti hojjechaa ture Dr.Yiliqaal Asfaawu jedhamu tokkummaa barattootaa fi sabboontota barsiisota yuunivarsiitii Bishooftuun namni kun aangoo irra kan jiru taanaan hojii baruu fi barsiisuu ni dhaabna jechuun diddaa barattootii fi barsiisonni kaasaniin aangoo irraa darbanii jiran.Mootummaan Wayyaanee fala tokkummaa ilmaan Oromoo kanaan itti dhufe jala dhaabbachuu waan dadhabeef jala deemtuu Wayyaanee aangoo irraa buusuuf dirqamtee jirti.Barattootnii fi barsiisotni yuunivarsiitii Bishooftuu tokkummaan humna jabaadha jechuun ergaa kana kan dabarsan yoommuu tahu mootummaa garboomfataa Wayyaanee kana of irraa buusuuf tokkummaan hedduu akka barbaachisuu fi kun fakkeenya ilmaan Ormoo cufaaf akka tahu jechuun dhaamanii jiran.

Leave a comment