Walitti Bu’insi Mootummaan wayyaanee Uummata Oromoo fi Gumuz gidduutti qabsiise Daran jabaate!‏

Ebla 18,2012 Naqamte
Walitti bu’isi mootummaa garboomfataan Wayyaanee tahe jedhee Godina Wallagga bahaa uummata Beenishaangul Gumuzii fi Uummata Oromoo gidduutti bixxile daran jabaachuun Aanaa Jiddaa bakka Dirree Guddaa jedhamutti ilmaan Oromoo lamaa fi Beenishaangul shan ajjeefamuun hedduun madaa’anii jiran.Uummatni Beenishaangul Gumuz mootummaa Wayyaaneen irraa meeshaa gurguddaa fudhachuun uummata Oromoo irratti duulaa jiru.Waraanni mootummaa Wayyaanees gara uummata Beenishaangul Gumuz tahuun uummata Oromoo rukkutaa jiran.
Haaluma wal fakkaatuun walitti bu’insi barattoota Gambeellaa fi Barattoota uummattoota Kibbaa gidduutti Yuunivarsiitii Arbaaminc Damee Abbayyaa keessatti dhalachuun hedduun wal madeessanii jiran.Mootummaan Wayyaanees bobba’uun barattoota oromoo doorsisaa jirti.
Guyyaan Gootota oromoo Oromiyaa bakkeewwan garaa garaatti Alaabaa ABO qabachuun ayyaaneffatame!‏

1 thought on “Walitti Bu’insi Mootummaan wayyaanee Uummata Oromoo fi Gumuz gidduutti qabsiise Daran jabaate!‏

  1. Mootummaan Woyyaanee guyyaan ishii gabaabbachaa jira waan ta’eef akka booyyee waraananamee madaa’ee nama miidhuu irraa duubatti hinjettu. Karaan ishiin ummattoota gooltu inni jalqabaa ummata karaa adda addaa addaan qooddee walitti naquu dha. Shira Woyyaanee kana ummnni hunduu akka hubatuuf barsiisuu barbaachisa.

Leave a comment