Ebla 18,2012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee
Guyyaan gootota oromoo haala ho’aan Oromiyaa bakkeewwan garaa garaa keessatti ayyaaneffatamee jira.Guyyaan Gootota oromoo barattoota yuunivarsiitii Finfinnee,Haramaayaa,Hawaasaa,MiizanTeeppii,Wallaggaa,Amboo,Gondar,Jimmaa,Walloo,Arbaamic,Walaayittaa Sooddoo,Dirree Dawaa,Madda Walaabuu keessatti shaamaa diimaa magariisa qabsiisuun,Alaabaa ABO fannisuun,uffata aadaa Oromoo uffachuun qophiilee garaa garaan kabajamee jira.Ayyaanni kun Eebbaan jalqabuun marii mooraa qabsoo guddisuu irratti erga taasifamee qophiileen kanneen akka walaloo,baacoo,Muuxannoo walii qooduu fi kanneen biroon dhiyaachuun ibsa ejjennoo erga baafatanii hojii irra oolchuuf waadaan xumuranii jiran.Ibsi ejjennoo isaaniis hanga qabsoon ABOn gaggeeffamu galmaan gahutti waliin hiriirra,qooda nurraa eegamus ni baana kan jedhu of keessatti hammata.
Haaluma wal fakkaatuun Ayyaanni Guyyaa gootota oromoo Godinaalee Oromiyaa bakkeewwan garaa garaa fi manneen barnootaa gad aanaa keessatti ayyaaneffatamee jira.Ayyaanni kun alaabaa ABO bakkeewwan garaa garaatti fannisuu of keessatti hammatee jira.Godina Shawaa lixaa magaala Gudar,GincXiqur incinnii,Geedoo,Gindabarat keessatti sabboontotni oromoo Alaabaa ABO qabachuun ayyaaneffatanii jiran.Magaala Gudar keessattis Alaabaa ABO fannisuun diinni Oromiyaa irraa hoomaa akka hin qabne ifaan mul’isanii jiran.
Godina Wallagga bahaa aanaa Sibuu siree,Magaala Naqqamtee,Jiddaa Haroo Limmuu,Eebantuu,ukkee fi kanneen biroo keessattis ayyaanni haala ho’aan qophiilee garaa garaan ayyaaneffatamee jira.
Godina Horro Guduruu Wallaggaa magaala Shaambuu,Saqalaa,Fincaa’aa,Jaartee fi Amuruu keessattis sabboontotni oromoo alaabaa ABO qabatanii ayyaaneffatan haamileen isaanii guddachuunii fi yoomuu hanga bilisummaa duuba kan hin deebine tahuu ibsanii jiran.
Godina Iluu abbaa booraa keessattis sabboontotni oromoo haala ho’aan ayyaaneffatanii jiran.Ayyaana kana irratti mariin garaa garaa taasifamuun haalli diddaan itti naannoodhaa naannootti deemsifamus wixinamee jira.