Qeerroon waadaa Diddaa Karaa Nagaa Haaromse!

(Qeerroo, Finfinnee, 15 Ebla 2012) Sochiin Bilisummaa fi Dimokiraasii Dargaggoota Oromiyaa kan gabaabbibaan Qeerroon Bilisummaa ibsa guyyaa hundeeffama Qeerroo waggaa tokkoffaa  ilaalchisee baase keessatti warraaqsa wagga tokkoof walitti aansee finiinsaa ture keessatti hojii boonsaa dalaguu isaa ibse.

Qeerroon ibsa baaseen akka hubachiisetti, haallii fi tarkaanfiin diinni ummata Oromoo ajjeesuu fi qe’ee isaa irraa buqqisuu hedduu hammaachaa kan dhufe ta’us, gochaaleen farra ta’an marti hojii abbootii irree waan ta’eef  ummata didee Bilisummaa isaa barbaadaa jiru kamiyuu daran jabeessee falmaatti  kan kakaasu malee boodatti kan hin deebisne ta’uu hubachiisee jira.

“Duulli diinaa akka nuti diddaa keenya dhiifnuuf karaa hundaan nutti hammmaatu illee, sochii wagga tokko keessatti taasifneen sirna garboomsaa wayyaaneef akka hin bulle mirkaneessenee jirra,” kan jedhe Qeerroon, “kana boodas diddaan keenya gara ummataatti darbee bu’aa buusaa waan jiruuf sochii karaa nagaa taasisnu jabeessinee itti fufna,”  jedhee jira.

Kana malees, Qeerroon ibsa baase keessatti dhaamsa dabarseen, ummati nagaa fi bilisummaa jaalatu marti humnaa fi dandeettii isaanii walitti qindeessanii, diina farra nagaa fi bilisummaa ta’e buqqisuu irratti akka hojjatan hubachiissee jira.

“Dhalooti Oromoos akkuma wagga tokko dura waadaa bilisummaa seenuun qabsoo diddaa garbummaa finiinsuu eegaletti  qabsoo diddaa garbummaa irratti fuulleffatee hojjachuu qaba,” kan jedhee jira Qeerroon, diddaa karaa nagaa adeemsisuuf eegele illee akka itti fufu waadaa isaaa haaromsee jira.

“Seenaa wareegama ilmaan Oromoo  fi gootota Oromoo darbanii fi ammallee qabsoo bilisummaa Oromootiif ta’aa jiru keessatti nutis diddaa keenya fuulleffachaa, wareegama Bilisummaa keenyaaf gatii baasuuf qophii qabnuu fi murtoo keenya irra deebinee haaromsina,”  jedhe Qeerroon.

 Qeerroon dabalee akka hubachiisanitti, sochii wagga tokko keessatti taasisaniin bu’aa hamlichiisaa argamsiisuu isaa ibsee, hata’uutii diddaan karaa nagaa godhani mootummaa Afaan qawween malee Afaan nagaa hin beekne biraatti gatii kan hin qabne ta’us, fedhii fi waadaa nagaaf qabnu mul’isuuf qabsoo karaa nagaa diina buqqisuuf  godhamu akka itti fufan beeksisanii jiru.

Leave a comment