Ebal 12.2013 Gabaasa Qeerroo Wallaggaa
Godina Wallagga Bahaa aanaa Limmuu Magaala Galiilaa keessatti barsiisotni Oromoo marii OPDO fashalsan.Poolisoota Wayyaanee barsiisota dura dhaabbachuuf yaalanis darbbanii bira darbanii jiru.Dabballootni Mootummaa Wayyaanee OPDO jajjabeessuu qabna jechuun marii isaanii yoommuu banan Barsiisotni Yeroon ammaa Yeroo itti OPDO jajjabeessan osoo hin tahiin barbadeessani mirga hiree murteeffannaa ummattootaa kabachiisuu dha.Jireenyi OPDO ummata Oromoof kan fayyade hin jiru,waggooda 20 kana keessa hiyyummaa,beela,gadadoo fi hidhaa ajjeechaa Oromootti fiduu malee waan fayyadan tokko illee hin jiru jechuun marii sana fashalasanii jiru. Kana irratti dhaabi tokkochi haqaa kan jajjabeeffamu ABOti jechuun ifatti dubbatanii jiran.