Ebla 12,2012,Gabaasa Qeerroo Horroo Guduruu
Godina Horroo Guduruu wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee Mana Barumsaa Aliboo sadarkaa Lammaffaa keessatti Barsiisaan Hoogganaa Mana Barumsaa Aliboo ta’ee ergamaa wayyaanee ta’uun barattoota oromoo rifeensa guddistu,Siyaasa gaggeessitu jechuun barattoota rakkise Barsiisaan Oliyaad Gaddafaa barattootaa fi ummata naannoo haalaan waan rakkiseef jedhcha barattooti roorroo of irraa ittisuuf basaasa Wayyaanee kana haalaan reebuu fi miidhuu irraan kan ka’e,Moootummaan Wayyaanee arattoota mana barumsaa Aliboo Jumlaan qabuun mana hidhaatti ukkaamsaa jira.Yeroo ammaa
1. Barataa Haayilee Maaremaa Barataa kutaa 10ffaa
2. Barataa Taarikuu Waaqoyyaa Barataa Kutaa 10ffaa
3. Barataa Yaadataa Olii Barataa Kutaa 10ffaa
4. Barataa Barasaa Maaremaa barataa kutaa 10ffaa
5. Barataa Dassaalee Galataa Barataaa kutaa 10ffaa
6. Barataa Fantaa Luuccee Barataa kutaa 10ffaa
7. Barataa Galaanaa Xiyyee barataa kutaa 10ffaa
8. Barataaa Baabbee Abdiisaa Barataa kutaa 10ffaa
9. Barataa Bal’isaa Xaasoo barataa kutaa 10ffaa
10. Barataa Misgaanaa Abdiisaa barataa kutaa 10ffaa
Jedhaman waajjira poolisii magaala Alioo keessatti hidhamuun ergama ABO qabdu jechuun reebamuu irratti argamu.
Oromoon tokko sababa siyaasaaf yoo hidhame, reebame ykn ajjeefame gumaa battalumatti baasuu qabna;tursuu hinqabnu. Gumaa yoo baasnu ammoo dachaadhaan ta’uu qaba. kana booda yeroo callisanii miidhaa fudhatanaii ykn baattatanii taa’an miti. hanga ammaatti woyyaaneef hamilee kan kenne yoo ishiin badii dalagdu usnee waan teenyuuf sodaa itti fakkaatee ittuma baay’isaa adeemte.