Ebla 11,2012 Gabaasa Qeerroo Giddaa Ayyaanaa
Mootummaan Wayyaanee Godina wallaggaa bahaatti waraana bobbaasuun uummata Beenishaangul Gumuz hiriirfatee waliin tahuun aanaa Giddaa Ayyaanaa bakka Dirree guddaa jedhamutti uummata nagaa 8 fi bulchaa gandaa Obbo Margaa Toleeraa jedhaman ajjeesanii jiran.Waraanni Mootummaa Wayyaanee uummata Oromoo irraa qawwee hiikkachuuf yoommuu jedhu uummatni Oromoo waan dideef,akkasumas jibbinsa ilmaan Oromoo irraa qaban irraa kan ka’e Uummata Beenishaangul Gumuz waliin tahuun uummata Oromoo fixaa jiran.Haaluma wal fakkaatuun ganda Qeelloo bakka Qonna Galataa Kasasaa jedhamuttis Oromoonni gariin mootummaa wayyaaneen ajjeefamnanii jiran kanneen ajjeefaman akka gabaasi guutuu nu dhaqabeen dhiheessina.