Ebla 08,2012 Gabaasa Qeerroo Ilu Abbaa Booraa
Godina Iluu abbaa Booraa aanaa Aallee Ganda Gumaroo keessatti kan argamu Oomishni Baala shayee Sheik Mohaammed Allaamudiin dhuunfatame Ebla 7,2012 halkan keessaa sa’a 7:00 irraa eegalee barbadaa’ee jira.Oomishni Baala shayee kun hanga sa’a 9:00tti kan barbadaa’e yoommuu tahu oomishni Heektara 3(sadii) ol daaraa ta’ee jira.Mootummaan Wayyaanee bara 2008 irraa kaasee lafa ilmaan Oromoo irraa fuudhee buna qotee bultootaa buqqisuun kan Sheik Mohaammed Allaamuditti gurgure yoommuu tahu ilmaan Oromoo lafa keenya hin kenninu jedhan ABO jedhamanii itti reebamaa fi itti hidhamaa kan turani dha.Hojjettootni Oromoo baala shayee kana keessaa hojjetanis uummata Oromoo dadammaqsaa jirtu jechuun kan itti qoratamaa turani dha,Diddaa deemsifamaa jiruun wal qabatees oomoshni baala shayee kun barbadaa’ee jira.Mootummaan Wayyaanees uummata Oromootu kana godha jechuun olii fi gadi fiigaa jiraachuun gabaasi naannoo san irraa nu gahe addeessee jira jira.

very god job! this must continue through out oromia! warraaqsa keessatti diinaaf hiluu/gadduu/ hinbarbaachisu. Taankii dhabnu ibiddaafi dhagaa qabna. Qabeenya diinaa mancaasuu dha.
Qabsoon Qeeroo akkas jabaatee itti fufuun akkuma tarkaanfiiwwan shonkora fincaa’aa,mana Habashaa Taadiwoos Ballaxee Kurruuftuu Rezoolt fi k.k.f bakkeewwan hunda irratti jabaachuun diina dhiiga boossisee bilisummaan gonfatama!