Ebla 08,2012 Adaamaa
Sabboontotni Oromoo yuunivarsiitii Adaamaa diddaa deemsifamaa jiru galmaan gahuu keessatti qooda isaan irraa eegamu adda durummaan bahuuf guyyaa gaafa Ebla 04,2012 walitti dhufuun marii gaggeessanii jiru.Akeekni marii kanaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfamu galmaan gahuu irratti yoommuu tahu warraaqsa biyyattii keessatti deemsifamaa jiru boqonnaa haaraatti tarkaanfachiisuu irratti akka hojjetan mariin walii galanii jiru.Sabboontotni yuunivarsiitii Adaamaa Qabsoon ABOn durfamee deemsifamaa jiru ilmaan Oromoo maratti haamilee kan guute ibsuun ibsa ejjennoo armaan gadii kana baafatanii jiru.
- Akkuma barnoota keenya akeeka goonee barannu qabsoo keenya haalaan akeeka goonee galmaan gahuu irratti ni hojjenna
- Diina qabsoo ilmaan Oromoo duubatti harkisanii fi gocha diinaa yeroodhaa yerootti ni saaxilla
- Barattoota Oromoo yuunivarsiitiilee fi manneen barnootaa gad aanaa irra jiran ni kakkaasa,ni barsiisna
- Qabsoon Oromoo ABOn durfamu hanga galmaan gahu waadaa tiksinee cinaa ni hiriirra
- Gahee Oromummaa ni baana
- Dhiibbaa ilmaan oromoo fi qabeenya oromoo irra gahu dhaabbannee hin ilaallu kan jedhan turan
Sabboontotni yuunivarsiitii Adaamaa marii isaanii milkiin kan xumuran yoommuu tahu hojii hojjetamu yeroodhaa yerootti gamaggama waliin akka dhiyeessanis walii galanii jiru.
Injifannoon uummata oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!