Mootummaan Wayyaanee Uummata Oromoo fi Beenishaangul Gumuz Ammos walitti buuste.

Ebla 7,2012 Gabaasa Qeerroo Naqamte

Godina wallagga Bahaa Aanaa Eebantuu Ganda Qeelloo Bakka Ba’aa jedhamutti mootummaan Wayyaanee Ilmaan Oromoo fi Uummata Beenishaangul Gumuz Walitti buusuun dhiigni dhangala’e lubbuun namaas darbaa jira.Mootummaan Wayyaanee Lafa Ilmaan Oromoo naannoolee Birootti qircuuf kan karoorfate dhiiga keenyaan mirkanfanna jechuun uummatni Oromoo naannoo kanaa waan qabaniin walitti lola kana seenuu dirqamanii jiran.Guyyaa har’aa walitti bu’insa uummata Oromoo fi Uummata Beenishaangul Gumuz gidduutti ta’een Ilmaan Oromoo 2 ajjeefamanii 3 yoommuu madaa’an uummata Beenishaangul Gumuz keessaa 15 ajjeefamanii hedduun madaa’anii jiru.Lubbuu namaa bahaa jiru kanatti mootummaan wayyaanee itti gaafatamummaa akka fudhatu jechuun uummatni ganda qeelloo qeerroof yaada kennanii jiran.

Haaluma wal fakkaatuun aanaa Haroo Limmuu keessatti Qeerroon Oromoo dabballoota OPDO arii’an.Dabballootni OPDO manneen barnootaa Walisoo Dargee fi Barisoo keessatti isinii ijaarra jechuun uummata gowwoomsuun tasgabbii uumuu yoommuu yaalan Qeerroon naannoo kanaa itti bobba’uun dabballoota kana arii’anii ergamtuun nu hin bittu,OPDOn ergamtuu dha jechuun dhaadannoo dhageessisanii jiru.

 

Leave a comment