Diddaan Barsiisotaa Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti jalqabe Wayyaanee yaaddoo guddaa keessa buuse‏

Ebla 03,2012 Gabaasa Qeerroo Haromaya.

Diddaan  barsiisootaa guutuu biyyattii keessatti babal’achuun mootummaa Wayyaanee yaaddoo keessa buuse.Diddaan barsiisotaa biyyattii keessatti jalqabe Barsiisota Yuunivarsiitii Haramaayaan kan jalqabame yoommuu tahu barsiisotni yuunivarsiitii Jimmaa dabalinsi maqaan dabalinsa miindaa gowwoomsa dhufe waan taheef qaala’insa jireenyaa dandamachuu waan dadhabneef hojii hin hojjennu jedhanii jiru.Pirezedaantiin yuunivarsiitii kanaa Prof.Balaay Kaasaa barsiisota miseensa tahan tika mootummaa Wayyaanee naannoo sanaa waliin marii irra kan oolan yoommuu tahu barsiisotni yuunivarsiitii Haramaayaa mootummaa Wayyaanee yaaddoo keessa buusanii jiru.

Leave a comment