Motummaan TPLF Barattoota Oromoo University Gonder Baratan Doormii Bulmaataa Akka Gadhiisan Akeekkachiise

Ebla 1,2012, Gabaasa Qeerroo University Gonder

Ummanni Oromoo baroota 20f gaaffii mirgaa kaasee fincila gaggeessaa jiruuf deebiin mootummaa Wayyaanee irraa argamu hidhuu fi jajjeesuu akkasumas qabeenya saamuu fi biyyaa ari’uu ta’aa jira.Mirgi sabootaa mootummaa Wayyaanee biratti yakka guddaa kan tahe yoommuu tahu gaaffiin mirgaa dhiheenya barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Gondar kaasan mootummaa Wayyaanee hedduu waan cinqeef jecha gaaffii barattootaaf deebii gahaa kennuu hanqachuun dargaggoota University san keessatti diddaa kaasan yoo diddaa isaanii hin dhaaban ta’e doormii isin dhorkanna,mooricha gadhiiftanii akka baatan jechuun ajaja barattoota irratti dabarsee jira.

Barattooti Oromoo kunis nuyi doormii gadhiisuun gaaffii mirgaa ummanni Oromoo kaase nu hin dhaabsisu jechuun barattootni yuunivarsiitii Gondar faculty Veternary Medicine mormii cimaa kaasanii jiru.

Haaluma wal fakkaatuun Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu keessatti barattootni baratan humna waraanaa mootummaa Wayyaaneen akka mallatteessanii fi kan hin mallatteessine ammoo humnaan kampaasii keessaa baafamanii jiru.Mootummaan Wayyaanee diddaa qeerroo barsiisota dhuunfate kanaan hedduu rakkamee akka jiru beekama.

2 thoughts on “Motummaan TPLF Barattoota Oromoo University Gonder Baratan Doormii Bulmaataa Akka Gadhiisan Akeekkachiise

  1. Diddaan kun babal’achuu qaba;iddoo baay’eetti ka’uu qaba;gara ummata ollaatti babal’achuus qaba. Yoo kana ta’e wayyaanee to’achuu hindandeessu.

  2. Kuni mootummaa badaadha Rabbiin tokkichi qofti nurraa haakaasu.mallas qawwee qofatti amana wanti Dimokraasii jedhamu isa biratti hin jiru. Yaa Ummata Oromoo Bakka jirtanitti Wal-ta’aa.

Leave a comment