Bitootessa 31,2012 Arba Minci
Waraanni mootummaa Wayyaanee naannoo yuunivarsiitii Arbamincitti bobba’e barattoota daawwiif bosonaa fi burqaa uumamaa daawwachuuf bahan dirqiin gudeeduu jalqabe.Guyyaa har’aa waraanni mootummaa Wayyaanee barattoota yuunivarsiitii Arbaminc daawwiif bobba’an garii saamuun dubartoota dirqiin gudeedanii akka jiran gabaasi Arba mincii nu dhaqabe addeessa.Keessummaa waraanni kun barattoota Afaan Oromoo dubbatan ija hamaan kan ilaalu yoommuu tahu raawwii gara jabeenyaa barattoota irratti raawachaa akka turee fi dararaa jiru beekamee jira.Kana keessatti barattoota Oromoo kan maqaa isaanii ammaaf hin baafne 5 akka darara guddaa irraan gahan beekama.Kanneen kanaaf qormaati tahe gama duula duraa dhihaata.
Haaluma wal fakkaatuun waraanni Wayyaanee barattoota fakkaachuun yuunivarsiitii wallaggaa keessa hedduumminaan qubatee jira.Waraanni barataa fakkaachuun yuunivarsiitii Wallaggaa seene kun barattoota dhoksaan gara mana hidhaatti guuruuf jooraa kan jiru yoommuu tahu barattootni lama ykn sadii tahanii deemuun dhorkamee jira.