Sababaa Meeshaa Waraanaa Hidhattaniittu Jedhuun Waraanni Wayyaanee Doormii Barattootaa Sakatta’a Eegale

Bitootessa 31,2012 Naqamte

Mootummaan Wayyaanee qabsoo Qeerroon gaggeessaa jiruun hiddi isaa kan laafe yoommuu tahu yeroo ammaa kana tarkaanfii diina irratti gaggeeffamaa jiru adda durummaan kan gaggeessu Qeeroo Oromoo dha jechuun aqaa jedhuun waraanni Wayyaanee yuunivarsiitii Wallaggaa keessatti qabeenya barattoota Oromoo diigee meeshaa waraanaa barbaadaa jira.Mootummaa Wayyaaneetti dhaamaatiin kan jabaatee fi yaaddoo guddaan kan seene yoommuu tahu barattootni Oromoo meeshaa waraanaa qabu sababa jedhuun barattoota doormiidhaa gara doormiitti irra deemuun sakatta’aan hiraarsaa jira.

Gaaffiin mirgaa gaafatame meeshaa waraanaa kan itti ta’ee jiru garboomfataan mootummaa wayyaanee yeroo ammaa cinqiin keessa galee waan qabatuu fi dhiisu akka dhabee jiru ifa galaa dha.

1 thought on “Sababaa Meeshaa Waraanaa Hidhattaniittu Jedhuun Waraanni Wayyaanee Doormii Barattootaa Sakatta’a Eegale

  1. Oromoon keessumaayyuu barattoonni oromoo qawwee hinqabani;dhagaadhaan lolaa jiru. Nuti meeshaa baraa hinqabnu. Garuu meeshaalee baasii nama hinbaasifne kan akka ibiddaa fayyadamuun diinaa fi qabeenya diinaa mancaasuu dandeenya.

Leave a comment