Diddaan Dargaggootaa Itti Hammachuu Irraan Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Laaloo Asab keessaa Waraanni Wayyaanee dargaggoota Oromoo ukkaamse!‏

Bitootessa 31,2012 Gimbi
Ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuruu kan amaleeffate mootummaan Wayyaanee dargaggoota Oromoo Godina Wallaggaa Lixaa aanaa Laaloo Asab ganda Wanjoo keessaa qabuun meeshaa waraanaa ABO naannessitu,ABO nu rukkuchiisaa jirtu jechuun dargaggoota Oromoo yakkee mana hidhaatti darbee jira. Dargaggootni ganda kanaa

1.Baacaa Tarrafaa

2.Alamaayyoo

3,Eliyaas Bulaa

4.Milkeessa Tafarii

5.Mitikkuu

Kanneen jedhaman mootummaa Wayyaaneen yakkamanii mana hidhaa hin beekamiin akka geessee gabaafame. Sodaan qeerroo mootummaa Wayyaanee hedduu raasaa kan jiru yoommuu tahu uummata Oromoo mana hidhaatti guuruun furmaata itti fakkaatus diddaan daran itti jabaataa kan dhufe dha.

1 thought on “Diddaan Dargaggootaa Itti Hammachuu Irraan Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Laaloo Asab keessaa Waraanni Wayyaanee dargaggoota Oromoo ukkaamse!‏

Leave a comment