Barattooti Yunivaristii Finfinnee Mooraa School of Journalism Diddaa Cimaa Kaasan.

Bitootessa 31,2012

Mootummaan  Wayyaanee Dhaabbilee barnootaa gad aanaa fi olaanaa keessatti imaammata barnootaa jijjiiraa jira.Diddaanis haaluma kanaan akka itti jabaate beekama.‏

Mootummaan Wayyaanee afaan Oromoo manneen barnootaa keessaa baasuuf yaalii gurguddaa gochaa jiru irratti manneen barnootaa gad aanaa keessatti imaammata barnootaa jijjiiraa kan jiru yoommuu tahu yeroo ammaa kana ammo yuunivarsiitii Finfinnee keessatti school of journalism sadarkaa isaa gadi xiqqeessuun gara Department of journalismitti jijiiruun diddaan mootummaa Wayyaaneetti qabatee jira.Mootummaan Wayyaanee school of journalism keessa barattootni Oromoo hedduun jiraachuun erga hubatee gama miidiyaan dhiibbaa guddaa fiduu danda’u jechuun sodaachuun gara muummeetti gad buusee jira.Barattootni Oromoo shirri diinni ooltu ifaadha jechuun hanga bakka isaatti deebi’u hin barannu jechuun mootummaa Wayyaanee yaaddoo guddaa keessa buusanii jiru.

Barattooti kunis  mormodhaan hojii baruu fi barsiisuu dhaabudaan keessayyuu guuyyaa kaleessaa waaree booda baayyinni isaanii gara 300 kan ta’an petition qopheessudhaan mormii cimaa dhageessisaa akka oolan dhagahameera

Haaluma wal fakkaatuun diddaan yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu keessatti jabaachuun barattootni Oromoo hanga gaaffiin mirgaa deebi’u hin barannu jechuun barnoota dhaabanii gala jiru.Mootummaan Wayyaanees kadhaan tasgabbeessuu yaalus milkaa’uu hin dandeenye.

1 thought on “Barattooti Yunivaristii Finfinnee Mooraa School of Journalism Diddaa Cimaa Kaasan.

  1. Wayyaanee wajjin dubbachuu/marii’achuun/jaarsummaa taa’uun furmaata ta’ee hinbeeku. Isaan wajjin hariiroo lolaa/waraanaa qofa imaammata godhannee adeemuu qofaa barbaachisa.

Leave a comment