Godina Shawaa Lixaa Aanaa Gindabara Gootonni Diina Cinqan,Sakata’is heddummaate.

Bitootessa 29,2012 Gindabarat

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Gindabarat Ganda Baroo yaagot keessatti,mana barumsaa sadarkaa lammaffaa kaachis diddaan barattootaa fi ummataa itti fufee jiraachuun beekame. Haala kana irraan kan rifaatuu fi jeequmsa qabu mootummaan Wayyaanee gaaffii ummataa deebisuu dadhabuu irraan barattoota Oromoo sababoota adda addaan yakkuun mana hidhaatti geessaa jira.

Bitootessa 28,2012 uummataa qindeessaa kan jiru sidha jechuun mootummaan Wayyaanee dargaggoo Dhufeeraa Abdiisaa qabee ukkaamsee jira.Waardiyootni mana barumsaa kaachis kan tahan ergamtoota mootummaa Wayyaanee yoommuu tahan Barataa Dhufeeraa Abdiisaa irratti Alaabaa ABO arginee jirra jechuun sobaan yakkanii harka diinaa keessa buusanii akka jiran Qeerroon naannicha irraa gabaasa..Waarsdiyootni,dabballootnii fi lukkeewwan naannoo kanaa fi biro gocha ilmaan Oromoo gaarbummaa jalatti hambisu irraa hin dhaabbatan taanaan tarkaanfiin gatii isaanii madaalu akka isaan eeggatu qeerroon dhaamee jira.

1 thought on “Godina Shawaa Lixaa Aanaa Gindabara Gootonni Diina Cinqan,Sakata’is heddummaate.

  1. Fincilli amma eegalame hanga bilisummaatti utuu walirraa hincitiin jabaatee akka ittufufu gochuuf:
    1. Iddoo hedduutti violence uumuu dha. Kun faayidaaalee lama qaba. Tokkoffaa diinni humna poolisii fi waraana iddoo hedduutti erguun kisaaraa maallaqaa irraan ga’aa. Lammaffaan abdii kutachaa akka adeemtu godha.

    2. Basaastota duubaa fi keessaa hordofuun ragaa wajjin saaxilbaasuu ittifufuu;akka barbaachisummaa isaatti tarkaanfii irratti fudhachuu.

    3. Qabeenya woyyaanee ibiddaa fi gama biraatiin mancaasuun kisaaraa diinagdee irraan ga’uu. Diinagdee malee waraana bobbaasuu hindandeessu wayyaaneen. Kanaaf diinagdee isaanii mancaasuun jabaatee itti fufuu qaba.

Leave a comment