Diddaan Barsiisotaa Guutuu biyyaatti babal’achuun Wayyaanee yaaddoo keessa buuse!‏

Bitootessa 29,2012, Qeerroo Finfinnee

Diddaan barsiisotaa fi barattootaa guutuu Oromiyaatti babal’achaa jira.Barsiisotni qaala’insa jireenyaan rakkachuu irra darbanii miindaan isaan irraa maqaa garaa garaan citu dhimma siyaasaaf oolee barsiisaa kabaja dhabsiisaa kan jiru tahuu yoommuu ibsan hojii baruu fi barsiisuu dhaabaa jiru.Barsiisotni Magaala Finfinnee keessaa barattoota isaanii qabatanii gaaffii mirgaa dhiyeessaniif mootummaan Wayyaanee deebii homaa kan hin kennine yoommuu tahu diddaan kun manneen barnootaa Oromiyaa bakkeewwan garaa garaa kanneen akka Najjoo,Leeqaa,Giddaa fi Baha Oromiyaatti babal’achuun Wayyaanee yaaddoo guddaa keessa buusee jira.Barsiisotni maqaaf barsiisummaa baatanii dhimma siyaasaa Wayyaanee tarkaanfachiisaa turan manneen barnootaa garaa garaa keessatti gaaffii barsiisotaa ukkaamsuuf bu’anii bahanis barsiisota Oromoo sabboonoo ta’aniin salphachaa jiru.Akeekni mootummaa Wayyaanee gama hundaan fashalaa kan jiru yoommuu tahu diddaa kana uummatni hundi akka tumsu barsiisotni Oromoos dhaamsa kara karaa dabarfachaa jiraachuun beekame.

Kana malees Diddaan hojii dhabdoota Oromoo irraa mootummaa Wayyaaneetti qabate bulchinsa aanaa fi godina bakkeewwan garaa garaa yaaddoo keessa buuse.Godina Horroo Guduruu Wallaggaa magaala Shaambuu keessatti hojii dhabdootni Oromoo gurmuu isaanii cimfachuun Bitootessa 27,2012 bulchiisan Wayyaanotaa magaalaa Shambuu deemuun gaaffii mirgaan sardaa oolanii akka jiran qeerroon gabaasa,aalli kun itti hammaachuu irraan mootummaan humna Poolisii yaammachuun diddaa san bittimsuuf yaalii godhe illee osoo itti hin milkaayiin dhabuu fi Oromoonni jiraattonni kaan hojii dhablootaaf akka birmatanii turan gabaasi nu gahe addeessa. Halli kun hamma illee osoo hin qabanaayiin jiraatus gurmuu jabeeffatee hamma gaaffiin mirga Oromoo argamtutti akka itti fufu beekamaa dha.

1 thought on “Diddaan Barsiisotaa Guutuu biyyaatti babal’achuun Wayyaanee yaaddoo keessa buuse!‏

  1. Woyyaanee kuffisuuf warraaqsi godhamaa jiru jabaachaa akka adeemuu shakkiin hinjiru. Haata’u malee ummanni oromoo kufaatii woyyaanee booda waan ta’uuf ka’u ammumaan itti yaaduu qaba.
    1. Armaan dura motummoonni nafxanyaa Hayilesillaasee fi Dargiin yommuu kufan nafxanyoonni taayitaatti ba’uudhaan oromoon gabrummaa jalaa akka hinbaane hojjechaa turan. Amma garuu carraa uumamu danda’u hatattaman itti fayyadamuuf qophoofnee ta’uu qabna.

    2. Jeequmsa keessatti ummatni keenyi tazgabbii dhabee kashalabbee fi hattuutiin akka hinmiidhamne “Transitional Government of Oromia” amumaan dhaabnee hojiitti bobbaasuu qabna. Nafxanyoonni “Transitional Government of Ethiopia” jettee akkuma uumaa jirtu jechuu dha.

    3. Hojiin nafxanyoonni ittiin nu dadhabsiisaa turan keessaa tokko ummattoota ollaa wajjin walitti nubuusuu ture. Kuni akka itti hinfufne haala itti ummattoota cunqurfamoo kibbaa fi Ogadeen wajjin gabrummaa jala ba’uu dandeenyu irrattis marii gochuun barbaachisaa dha. Mariin dhaabbilee siyaasaa Abisiniyaa/nafxanyaa/habashaa wajjin godhamu garuu oromoof faayidaa tokko illee akka hinqabne waan beekamuuf isaan wajjin humnaan malee afaaniin haas’uu akka hinbarbaachifne beekuu dha.

Leave a comment